Jump to content

Nadheefa

Wikipedia irraa
Ilaalcha salphaa nadheefaa lubbiyyoo
Caasaa adenosine triphosphate (ATP), giddu galeessa giddugaleessaa meetaabolii anniisaa keessatti

Nadheefa(Afaan Ingiliizii: Metabolism) jechuun hamma waliigalaa walnyaatinsa kemikaala jiree haala jireenyaa lubbiyyoo micirjirtii tokko keessa jiru eeguu keessatti hirmaatudha. Lubbu qabeeyyiin hundi adeemsa barbaachisoo adda addaa fi wantoota orgaanikii ykn jirtii haaraa oomishuuf anniisaa barbaadu.

Adeemsi nadheefaa guddinaa fi walhormaata keessatti kan gargaaru yoo ta’u, caasaa lubbu qabeeyyii eeguuf gargaara. Micirjirtoonni sababa sochii nadheefaan naannoo naannawa isaaniif deebii kennu. Walnyaatinsi keemikaalaa micirjitii lubbu qabeeyyii keessatti bullaa’insa irraa kaasee hanga geejjibaa wantootaa lubbiyyoo irraa gara lubbiyyoo biraatti uumaman hundi anniisaa barbaada.

Nadheefi yeroo baay’ee bakka lamatti qoodama:

  • Diggoo – Adeemsi kun irra caalaa molakiyuulota jirtii gurguddoo gara molakiyuulota xixiqqootti caccabsuu keessatti hirmaata. Adeemsi nadheefaa kun anniisaa gadhiisa.
  • ljaarsoo – Adeemsi kun irra caalaa mirreewwan (compounds) wantoota salphaa lubbiyyooleen barbaadan irraa ijaaruu ykn oomishuu keessatti hirmaata. Adeemsi nadheefaa(metaboli) kun anniisaa barbaada, ni kuufatas. nadheefi(metabolism) soorannoo fi jiraachuu dhangaalee nyaataa wajjin wal qabata. Xiin-anniisaa jireen(Bioenergetics)  nadheefi karaa baayookeemikaalaa lubbiyyoo anniisaa itti argatan jechuun ibsa. Wantoota gurguddoo uumamaan keessaa anniisaan sa tokko.

Walnyaatinsi keemikaalaa nadheefaa karaa nadheefaa, ykn marsaalee, akkaa marsaa kirabii . Keemikaalli tokko tarkaanfiiwwan walduraa duubaan fudhatamaniin gara keemikaala biraatti inzaayimoota walduraa duubaan hojjetamaniin jijjiirama.

Sirni nadheefaa micirjirtii tokkoo wantoota kamtu dhangaalee akka ta'anii fi kamtu summii akka ta'e murteessa . Fakkeenyaaf, tambiisoboon tokko tokko akka haayidiroojiinii salfaayidii akka dhangaatti fayyadamu, taʼus gaaziin kun bineensotaaf summii dha. Saffisni meetaabolii, kan maakkii nadheefaa jedhamu, nyaata hammamii orgaanizimiin tokko akka isa barbaachisu, fi akkamitti nyaata sana argachuu akka danda’u irratti dhiibbaa qaba.