Jump to content

Andy Warhol

Wikipedia irraa
Andy Warhol 1975 keessa

Andii Warhol (Afaan Ingiliish: Andrew Warhol, Jr. yookin Andy Warhol; A.L.A Hagayya 6, 1928 - Guraandhala 22, 1987) artistoota beekamoo Ameerikaa jaarraa 20ffaa keessaa isa tokko. Namootni baay'een Warhol ′′bellwether of the art market" jedhuun ibsu.

1979[dead link] BMW Group 4 M1 Andy Warholin kan dibame

Warhol iddoo Pittsburgh, Pennsylvania gaafa Hagayya 6, 1928 kan dhalate yoo ta'u gara Niiw Yoorki dhaquun dura Carnegie Institute of Technology irraa eebbifamee ture. Hojii guddaan isaa inni jalqabaa Hagayya 1949 keessa Barruu Glamouriif fakkii akka kaasu yeroo gaafatame kan hojjateedha. Inni dhuma maqaa isaa irraa 'a' hirrisuun barreeffama "fakkii Andrew Warhol" jedhuun barruu irra kan galateeffame. Warhol Campbells' and Watties' soup cans halluu dibuuniis kan beekamu dibata adda adda 300 dibeera. Jalqaba akka artistii daldalaa ta'etti yeroo hojjatu wantoota akka advertisements fi window displays mana kuusaaf dizaayinii godhaa ture. Yeroo gabaabaatti sochii aartii Pop kan yeroo hunda wantoota fi suuraawwan miidiyaa fayyadaman keessatti beekkamaa ta'e. Fakkiin isaa beekamoo keessaa tokko fakkii taatoo American movie, Marilyn Monroeti. Erga isheen duute booda gadi fageenyaan itti waan dhagahameef yaadannoo muraasa uumuu barbaadeeti.

Bara 1968 Warhol Valerie Solanasiin rukutame. Innii istuudiyoo isaa warshaa magaalaa Niiw Yoorkitti argamu kan hojiin isaa baay'een itti uumamaniin kan beekamu.

Bara 1987 Warhol hospitaala magaalaa Niiw Yoorki keessatti opireeshinii garaa irra ture. Hirriba keessa osoo jiruu sababa post-operative cardiac arrhythmian umuri 58tti kan inni du'e. Maatiin isaa arrhythmian sababa kunuunsa dhabuu fi summi bishaaniin mudate jechuun hospitaala himataniiru.

Wabii[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Geessituu alaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]